ቃበዱ (Qaabadhu) - ተሊሌ ፍቅሩ

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ተሊሌ ፍቅሩ
(Taliilee Fiqruu)

Lyrics.jpg


(1)

ሞቱማን ፡ ኬ
(Mootummaan Kee)

ዓ.ም. (Year): ፲ ፱ ፻ ፺ ፮ (2004)
ቁጥር (Track):

(10)

ርዝመት (Len.): 5:22
ሌሎች ፡ የአልበሙ ፡ መዝሙሮች
(Other Songs in the Album)
የተሊሌ ፍቅሩ ፡ አልበሞች
(Albums by Taliilee Fiqruu)

[Chorus]
Qaabadhu bara dargaggumakee
Waaqayyoon qaabadhu (x2)
Biyya lafaa duukaa hin gulufini
Qaabadhu Waaqayyoon sodaadhu

[Verse 1]
Akka bishaanii sobee sossobee nama fudhata
Gaarii fakkaatetu gogowwomsee nama gata
Beekumsa hin se'in Waaqayyoon diduun bee abaarsa
Karaan Rabbi hin jaalanne galgala kee si balleessa
Baqadhuu ba'i keessaa

[Chorus]
Qaabadhu bara dargaggumakee
Waaqayyoon qaabadhu (x2)
Biyya lafaa duukaa hin gulufini
Qaabadhu Waaqayyoon sodaadhu

[Verse 2]
Otoo barsiiftu otoo faarfattu wangeela dhugaa
Maaltu si tuqnaan duuba deebita Goftaa kee duuba
Namoota baayyef ragaa akka taatu Rabbiin si waame
Akkamitti qalbiin kee biyya lafaatin booji'ame
Lakkii deebi'i mee

[Bridge]
Didi! Didii biraa deebi'i (x2)
Kan Yesuusi ta'i
Kan Yesuus Duwwaa ta'i
Isa wajjiin galii ba'i
Hin barbaadin kan inni jibbe
Si ajjeesa diinni sobee

[Chorus]
Qaabadhu bara dargaggumakee
Waaqayyoon qaabadhu (x2)
Biyya lafaa duukaa hin gulufini
Qaabadhu Waaqayyoon sodaadhu

[Verse 3]
Har'as carraa qabdaa
Gara Gooftaa keetti deebi'uufi
Bitaa mirga dhiisi murteeffadhu
Isa Waaqeessuufi
Waanjoo biyya lafa kaa'i
Kan Gooftaa kee baadhu
Isa darbe dhiisi armaan booda
Waaqayyoof jiraadhu Iyyasuusif jiraadhu

[Outro]
Yoosefille didee baqatee
Waaqayyodhaaf jiraate
Atillee didi deebi'i kan Yesuus duwwaa ta'i (x2)