ሞቱማ ፡ ዋቀዮ (Mootummaa Waaqayyoo) - ተሊሌ ፍቅሩ

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ተሊሌ ፍቅሩ
(Taliilee Fiqruu)

Lyrics.jpg


(1)

እግዚአብሔር ፡ ትልቅ
(Mootummaan Kee)

ዓ.ም. (Year): ፲ ፱ ፻ ፺ ፮ (2004)
ቁጥር (Track):

(5)

ርዝመት (Len.): 5:08
ሌሎች ፡ የአልበሙ ፡ መዝሙሮች
(Other Songs in the Album)
የተሊሌ ፍቅሩ ፡ አልበሞች
(Albums by Taliilee Fiqruu)

[Intro]
Waaqayyo nu hiike
Hin hidhamnu lamuu
Wal geenne waaqessinaan
Maqaansaa haa eebbifamu
Daangaa nuuf badhisee
Kunoo nu babadhisee
Cunqursituu keenna
Ijaan lafa laalchisee

[Pre-Chorus]
Mootummaa waaqayyoo Maaltu Daangeessa
Bal'achaa jiraa Addunyaa keessa
Ijoolleen mootummaas gammadaniiru
Humna cimaadhaan waaqessaa jiru

[Chorus]
Gamanaan odoo nu dhiiban
Gamanaan nu badhisan
Warruma nu jibbu sanuu dabarsee keenna taasisa
Kufan caban badan otuu jedhu diinni
Kan isa maalale in jiraanna ammallee
Kan Rabbii ajaa'iba jabeessee nama dhaaba

[Verse 1]
Wanta baayye ture karaa keenna duraa
Gooftaan nu gargaarraan hundaa bira dabareerra
Harka Isaa argineen yommuu nu gargaaru
Seenaa keenna isa moofaa yemmuu gegeeddaru

[Verse 2]
Humnis galannis kan Waaqayyooti
Mootummaan isaa kan bara baraati
Aangoon hundumtuu harkaa isa keessa
Haa eebbifamu maqaan isaa

[Chorus]
Gamanaan odoo nu dhiiban
Gamanaan nu badhisan
Warruma nu jibbu sanuu dabarsee keenna taasisa
Kufan caban badan otuu jedhu diinni
Kan isa maalale in jiraanna ammallee
Kan Rabbii ajaa'iba jabeessee nama dhaaba

[Verse 3]
Yesuustu nuuf dhufee furtuun lubbuu namaa
Kanaaf isaa saganna gara keenya hundumaan
Hundi keenna obboloowwani
Fagoo dhiyoos yoo dhufnee
Wal fageessuu hin dandeennu
Rabbitu walii nu kenne
                ...
Dhiigni Iyyasuus innii nuu jige
Ka gargar nu baasu nu jidduu diigee
Yaada tokkon ni waaqessina
Dhugaaf Hafuuran Isaa sagannaa

[Chorus]
Gamanaan odoo nu dhiiban
Gamanaan nu badhisan
Warruma nu jibbu sanuu dabarsee keenna taasisa
Kufan caban badan otuu jedhu diinni
Kan isa maalale in jiraanna ammallee
Kan Rabbii ajaa'iba jabeessee nama dhaaba

[Verse 4]
Kanatu hanna dhiisee
Waaqayyoon yoo waaqesse
Ka hidhaana jinnii hiikamee
Waaqayyof yoo bitame
Namni maaf dideree wangela
Kan beeka taasisu wallaalaa

[Outro]
Kan nama nu taasise isa
hin sagadnaaf hin shubbisna