ገለቶሚ (Galatoomi) - ተሊሌ ፍቅሩ

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ተሊሌ ፍቅሩ
(Taliilee Fiqruu)

Lyrics.jpg


(1)

እግዚአብሔር ፡ ትልቅ
(Mootummaan Kee)

ዓ.ም. (Year): ፲ ፱ ፻ ፺ ፮ (2004)
ቁጥር (Track):

(9)

ርዝመት (Len.): 3:30
ሌሎች ፡ የአልበሙ ፡ መዝሙሮች
(Other Songs in the Album)
የተሊሌ ፍቅሩ ፡ አልበሞች
(Albums by Taliilee Fiqruu)

[Chorus]
Galatoomi Galatoomi mootii barabaraan
Oli aani Oli atummaan yeroo maraa (x2)

[Verse 1]
Ka naaf taate yoon yaadu
Imimmantu na firrisa
Galatuu kee yoo qaabadhu
Iyyi faarsi na taasisa
Garuu callise hin danda'uu
Haga humna kiyyaa iyyaa
Atummaan narra mootomi
Iyyasuusi Mootii kiyya
Atummaan narra ulfaadhu mootomi
Iyyasuusi abbaa kiyya

[Chorus]
Galatoomi Galatoomi mootii barabaraan
Oli aani Oli atummaan yeroo maraa (x2)

[Verse 2]
Otoo Ani sin beekne
Ati duraanu na beekta
Gara haadha koo Jalqabdee
Hanga ammaa ana tiksiteetta
Kan an si faarsu kun hunduu
Ka anaaf taateef gahaa hin ta'u
Woma siif ta'u nan dhabe
Maqaan kee ol ol haa ta'u
Woma siif laadhu nan dhabe
Maqaan kee ol ol haa ta'u

[Chorus]
Galatoomi Galatoomi mootii barabaraan
Oli aani Oli atummaan yeroo maraa (x2)

[Verse 3]
Kabajjaan ati naaf goote
Baay'ee ana dinqisiise
Carraa ati anaaf kennite
Ilaalee na gammachise
Gaarummaa wooyituu hin qabu
Dhifamsa keetiin na laalte
Bara dhumaa kanatti kunoo
Tajaajiltuu kee na goote