Yesus Yammuu Ati Namaa Waajjin Baatuu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          YESUS yammuu ati namaa wajjin baatuu
          Hunduu wal-qixxeeffamaa maqaan kee haa ulfaatu
          Duudaan dhaga'ee, yammu jaamaan ilaaluu
         Goophoon qajeelee, yammu naaftii utaaluu
          Maal-maal jedharee diinni, kan kana ilaaluu
          Awwaalameera inni, maqaan kee haa caaluu (2x)

Utu jabaan humna kee nu dukaa hin taane
Yaa Gooftaa nuyi sabni kee silaa tamsaane
Amma garu ergaan kee nu dura jira
Diinni keenya qabamee awwaalameera

          YESUS yammuu ati namaa wajjin baatuu
          Hunduu wal-qixxeeffamaa maqaan kee haa ulfaatu
          Duudaan dhaga'ee, yammu jaamaan ilaaluu
         Goophoon qajeelee, yammu naaftii utaaluu
          Maal-maal jedharee diinni, kan kana ilaaluu
          Awwaalameera inni, maqaan kee haa caaluu (2x)

Qoruu kan dhufe diinni waan jedhu dhabe
Utu nuyi hin argiin kufee caccabee
Eegumsi kee ya Gooftaa baay'e-baay'ate
Ati woo waan guddaa goota maqaa keef jette

          YESUS yammuu ati namaa wajjin baatuu
          Hunduu wal-qixxeeffamaa maqaan kee haa ulfaatu
          Duudaan dhaga'ee, yammu jaamaan ilaaluu
         Goophoon qajeelee, yammu naaftii utaaluu
          Maal-maal jedharee diinni, kan kana ilaaluu
          Awwaalameera inni, maqaan kee haa caaluu (2x)

Hoomtuu dhowwuu hin danda'uu irree kee sana
Galanni siif ha ta'u ulfaadhu siin jenna
Ba'uu fi galuu keenyatti nuyi wajjin baate
Foonii fi lubbuu keenyaafis eegduu nuu taate

          YESUS yammuu ati namaa wajjin baatuu
          Hunduu wal-qixxeeffamaa maqaan kee haa ulfaatu
          Duudaan dhaga'ee, yammu jaamaan ilaaluu
         Goophoon qajeelee, yammu naaftii utaaluu
          Maal-maal jedharee diinni, kan kana ilaaluu
          Awwaalameera inni, maqaan kee haa caaluu (2x)

Ulfaadhu ka ya Gooftaa homtuu siin hin dhibu
Akkasumaatin goota kan namn fedhu
Arjummaa fi gaarummaan kee hin lakkaa'amu
Bara-baraan maqaan kee ha eebbifamu