From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
|
|
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች (Other Classic Mezmur Lyrics)
|
|
Yesus bara jireenya koo ani si waaqessa
Gochaa ati naaf gooteef ulfina sii laadha
Lubbuu koo dhipate aara galfachiifte
Tola kee fi arjummaakeen, jaalalakeen na hammatte
Waamicha kee Gooftaa gurri koo dhaga'e
Gara keetti adeemnaan ati na simattee
Harka araara kee na irratti diririsite
Badiisa keessaati lubbuu koo olchite
Yesus bara jireenya koo ani si waaqessa
Gochaa ati naaf gooteef ulfina sii laadha
Lubbuu koo dhipate aara galfachiifte
Tola kee fi arjummaakeen, jaalalakeen na hammatte
Cal jedhi naan jette Gooftaa naaf dubbatte
Gadi jedhi naan jette na irratti ulfaate
Ifa kee isa hin dhaamneen Yesus naaf ibsite
Bifa jireenya koo Goo Gooftaa naaf geeddarte
Yesus bara jireenya koo ani si waaqessa
Gochaa ati naaf gooteef ulfina sii laadha
Lubbuu koo dhipate aara galfachiifte
Tola kee fi arjummaakeen, jaalalakeen na hammatte
Kan akka kee Yesus eessatti argama
Gaarummaan hundinuu si keessaa naaf burqa
Karaa qajeelaadhaa fi dhugaanis si'uma
Anatti toleera sifaan adeema
Yesus bara jireenya koo ani si waaqessa
Gochaa ati naaf gooteef ulfina sii laadha
Lubbuu koo dhipate aara galfachiifte
Tola kee fi arjummaakeen, jaalalakeen na hammatte
|