Ya Waaq Na Maari

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Ya Waaq na maari akka gaarummaa keeti
          Natti Araarami, natti araarami
          YESUS na maari, akka gaarummaa keetti
          Natti araarami, natti araarami

Yakki koobaay'ee dha, irra daddarbaan koo
Natti dhaga'amaa, baay'ee cubbamuun koo
Akka jaalala keeti, jiraachuu dhiisuun koo
Si gaddisiiseera, si'iin ya Uumaa koo

          Ya Waaq na maari akka gaarummaa keeti
          Natti Araarami, natti araarami
          YESUS na maari, akka gaarummaa keetti
          Natti araarami, natti araarami

Akka Waaqummaa keetti siin hin waaqeffanne
Ulfina siif ta'us guutummaatti si hin laanne
Humna fayyisuu kee, argee akka hin arginee
Garaan koo ni jabaate, mamiidhaan guutamee

          Ya Waaq na maari akka gaarummaa keeti
          Natti Araarami, natti araarami
          YESUS na maari, akka gaarummaa keetti
          Natti araarami, natti araarami

Beekaas otuu hin beekin si gaddisiiseera
Kan si hin gammachiifne baay'ee raawwadheera
Qalbii jijjiirradhee kunoo amma dhufeeraa
Natti araarami ya Waaq abbaa araaraa

          Ya Waaq na maari akka gaarummaa keeti
          Natti Araarami, natti araarami
          YESUS na maari, akka gaarummaa keetti
          Natti araarami, natti araarami