Waaqayyoon Ha Jajannu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

         WAAQAYYOON ha jajannu (2x)
         Warri isaaf of kennine
         Isaaf ha faarfannu (4x)

Seenaan gaarummaa isaa dubbatamee hin dhumu
Baay'ina araara kees lakkofnee hin fixnu
Akkasumattin galata galchina
Harka keenya ol kaafnee isa waaqeessina (2x)

         WAAQAYYOON ha jajannu (2x)
         Warri isaaf of kennine
         Isaaf ha faarfannu (4x)

Qulqulluu dha WAAQAYYO Gooftaan Maccaa
Surra qabeessa dha'aa galanaa irra
Isa safeeffanna innoo ulfaataa dha (2x)

         WAAQAYYOON ha jajannu (2x)
         Warri isaaf of kennine
         Isaaf ha faarfannu (4x)

Attamiin dubbana waa'ee guddina isaa
Jecha woo hin qabnu waa'ee mootummaa isaa
Galatni kan isaa isatti gammadna
Galata keenya ililleen mul'ifna (2x)

         WAAQAYYOON ha jajannu (2x)
         Warri isaaf of kennine
         Isaaf ha faarfannu (4x)

Eegumsa isaa tiin addana kan geesse
Warra jiraatan keessaa tokko taate
Maaliif dagatte olmaa inni siif oole
Ka'ii dhangalaasi galata Abbaa keef (2x)

         WAAQAYYOON ha jajannu (2x)
         Warri isaaf of kennine
         Isaaf ha faarfannu (4x)