Waaqayyo Lolaa Dha

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Galaanicha diimaa dha'ee gargar hire
Lafa gogaa keessa yammuu isaan ceesise
Uumamni harka isaa dinqii isaa kan argan
WAAQAYYO lolaatti jabaadha ittiin jedhan

        Lolaa WAAQAYYO lolaa dha
        Jabaa Amaanu'eel jabaa dha
        Isatti of kenni eegadhuu amanamaa dha

Dhagaa gogaa keessaa bishaan burqisiise
Mannaa WAAQAA roobsee nyaachisee isaan quubse
Waaqn kee har'as jabaa kan ati amanattu
Lafa ati irra ejjette boojuu kan sii laatu

        Lolaa WAAQAYYO lolaa dha
        Jabaa Amaanu'eel jabaa dha
        Isatti of kenni eegadhuu amanamaa dha

Laga Yordaanosiin of duratti argitee
Hin na'iin ni ceeta Waaqni gargar kutee
Masaraa Iyyaarikoos matumaa hin seesiin
Si duraa jijjiga weedduu galataani

        Lolaa WAAQAYYO lolaa dha
        Jabaa Amaanu'eel jabaa dha
        Isatti of kenni eegadhuu amanamaa dha

Gooftaan dhalootaa tii amma dhalootaatti
Kan kooluu itt galtu sii ta'eera woo ti
Diinoota kee irrattis mo'icha argatta
Bitaa kee fi mirgaa keetti kufanii ni ilaalta

        Lolaa WAAQAYYO lolaa dha
        Jabaa Amaanu'eel jabaa dha
        Isatti of kenni eegadhuu amanamaa dha