Waan Dinqii Na Agarsiifte

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Waan dinqii naa agarsiftee bara koo keessaa
          Ulfaadhu Mootii koo naaf gooteettaa waan guddaa isaa
          Galataan fuula kee duran dhaabadha maana kee keessa
          Kan ati naaf gootee gochaa kee gaarii kanan odeessa

Naa raawwatama jedhe waanan hin yaadin,
          Naa raawwatameera.
Diinni koo inni natti ga'ise,
          Qaanii uffateera.
Waaqa koo na dhabdeetta tulluu gubbaa,
          Ani baay'ee gammadeera.
Gargaarsa kee tiin mataa diina koo tii irra ejjedheera.

          Waan dinqii naa agarsiftee bara koo keessaa
          Ulfaadhu Mootii koo naaf gooteettaa waan guddaa isaa
          Galataan fuula kee duran dhaabadha maana kee keessa
          Kan ati naaf gootee gochaa kee gaarii kanan odeessa

Abdii kanaan godhadhe na gane,
       Na irraa deebi'eera.
Obsi koo dhumeeraa, raawwatameera,
       Garaa kutadheera.
Waaqa koo ati ana wajjin jirta,
        Nan gatne nan hin irraanfanne.

          Waan dinqii naa agarsiftee bara koo keessaa
          Ulfaadhu Mootii koo naaf gooteettaa waan guddaa isaa
          Galataan fuula kee duran dhaabadha maana kee keessa
          Kan ati naaf gootee gochaa kee gaarii kanan odeessa

Qoramsaa fi gidiraa keessa darbeera,
         Mo'icha argadheera.
Humna Gooftummaa keen bubuqqa'e,
         Kiyyoo fi gufuun diinaa.
Waaqa koo maqaan kee ol-ol ha jedhu,
         Ulfaadhu, ulfaadhun siin jedha,
Ayyaanni kee na dhaabee egaa maalan jedha.

          Waan dinqii naa agarsiftee bara koo keessaa
          Ulfaadhu Mootii koo naaf gooteettaa waan guddaa isaa
          Galataan fuula kee duran dhaabadha maana kee keessa
          Kan ati naaf gootee gochaa kee gaarii kanan odeessa

Humna kee naa laattee yeroo dadhabbi kootti
         Jabeessitee jilba koo,
Bitaa fi mirgaan dhufee kan na marsee,
          Rukutte diina koo.
Waaqa koo galanni koo si haa qaqqabu,
          Arabni koo si haa faarfatu,
Narraa fuuteetta yaaddoo koo maqaan kee haa ulfaatu.