Oromiffa/Classics/Tokuma Ketema (Fiixaan Bahumsakoo)

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ


|Name =Tokuma Ketema Title = Fiixaan Bahumsakoo |ቋንቋ=ኦሮምኛ |Language=Afaan Oromoo

Kaleessi koo Bareedee borofis shakkii hin qabadhu
Abdii namaan manaa hin baanee eenyunis wabii hin godhadhuu
Daddeeyyuu sinan eegalee utuu akka har’a hin tahinii
Guddistee ormaaf nan laattu abbummaa keen beeka anii *3


Shakkii tokko malee faanakee ilaalladhee ergan manaa bahee
Kan waada na galees yoo na dhiise deeme si wajjiin hin beeku aduun natti dhihee
Barakoo isa hafee sitti dhiiseen taha anii
Deemsa biyya ormaa karaa fagoo kanaa kanan faana imaluu
Wedaroo jabaataa kanan itti hidhadhee itti galee kooluu
Kan akkakee hin jiru firri fira caaluu*4

Ofii keetti abdattee mana kan na baastee
Hin beektuu gaaf tokko bineensaaf na laattee
Fiixaan bahumsa kooti ati gooftaa fiixaan bahumsa kooti atii
Mullatakoo fagoof sihii dooniin cehumsaa
Jalqabnikoof dhumnikoo barruu harkakee keessaa
Fiixaan bahumsa kooti ati gooftaa fiixaan bahumsa kooti atii
Cimseen sitti hidhadhaa michooma jabaataa
Galgala koo boriif Milkoomina taataa
Fiixaan bahumsa kooti ati gooftaa fiixaan bahumsa kooti atii
Bitaaf mirga kootii hin qabu kan na hirkisuu
Gargaara guyya salphinaa situ nan dhiisuu
Galgalliikoo sin bareedaa*4