Siin Oollee siin bullee

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Siin oollee siin bullee
          Siin as geenyeerra Gooftaa
          Aarsaan kee galataa, galata Gooftaa

Baay'ee itti joorree guyyaa bo'uu
Baay'ee sodaa qabna kan darbu
Qarooni ija kee waan nuyi irra jiruuf
Diinni fucha dhabe nu balleessuf

          Siin oollee siin bullee
          Siin as geenyeerra Gooftaa
          Aarsaan kee galataa, galata Gooftaa

Karaa dheeraa fagoo Yeroo adeemne
Kopheen milla keenya irraa hin dhumne
Lagoota gurguddaa sana ceeneerraa
Humna diina keenyaas siin mooneerra

          Siin oollee siin bullee
          Siin as geenyeerra Gooftaa
          Aarsaan kee galataa, galata Gooftaa

Diinni laga ce'uu keenya ilaalanii
Baay'ee yaadda'anii sodaatanii
Nuyi irratti ulfaachuu kee sodaatan ka
Kanaaf maal jenna ree, siif galata

          Siin oollee siin bullee
          Siin as geenyeerra Gooftaa
          Aarsaan kee galataa, galata Gooftaa

Nunis Laga Du'aa nu ceesiftee
Du'a diinaa jalaa nu baaftee
Gooftaa jabaa qabu jedhamne ka
Bara-baraan nuyi irraatti mo'i ka.

          Siin oollee siin bullee
          Siin as geenyeerra Gooftaa
          Aarsaan kee galataa, galata Gooftaa

Warri of-tuulan marga dheechifataa
Kan ilkaan qaratu qaanesita
Situ Waaqayyoo dha nuuf qobaa kee
Ati nuuf jajamii nuyi aarsaa kee

          Siin oollee siin bullee
          Siin as geenyeerra Gooftaa
          Aarsaan kee galataa, galata Gooftaa