From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
|
|
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች (Other Classic Mezmur Lyrics)
|
|
Si galateeffanna (4x)
Aarsaa garaa keennyaa galata siif laanna
Si galateeffanna
Diinni keenya yammuu nutti marse
Garbummaa isaa jala yammuu seenne
Aboo diina keenua irraa molqite
Aboo mucummaatin nu gonfite
Si galateeffanna (4x)
Aarsaa garaa keennyaa galata siif laanna
Si galateeffanna
Boolla du'aa keessaa sitti iyyine
Nu qaqqabi jennee sitti boonye
Gargaarsi si biraa nuu dhufe
Achii fuutee gaararra nu dhaabde
Si galateeffanna (4x)
Aarsaa garaa keennyaa galata siif laanna
Si galateeffanna
Murtoon du'aa yammuu nu irratti murtaa'e
Wayyaa gaddaa hundi keenya uffanne
Ati garuu daftee nu ilaalte
Gadda keenya gammachuutti geeddarte
Si galateeffanna (4x)
Aarsaa garaa keennyaa galata siif laanna
Si galateeffanna
Waa'ee kan kee dubbannee hin fixnu
Oolmaa kan keef galatoom ha jennu
Silaa hin jiru kan si gammachiisu
Ililleedhaan garaa si'a ciibsinu
Si galateeffanna (4x)
Aarsaa garaa keennyaa galata siif laanna
Si galateeffanna
|