Saba Kee Ilaali

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Dadhabbi isaaniitti gargaari

Araara kee buusi
Bokkaa kee gad roobssii lafa gogaa jiisi
Biqilli haa biqiluuf
Kan beela'ee haa quufuuf
Kan gadde haa gammaduuf

           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Dadhabbi isaaniitti gargaari

Waaqa abboota keenyaa
Durii-durii turtte, har'as kan jirtuu dha
Araarri kee hin dhumu
Tolli kees Guutuu dha
Yeroo hundaa gaarii dha

           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Dadhabbi isaaniitti gargaari

Kan si waamu hin badu
Kan si qabu hin gaddu, rakkatee hin baajjaju
Jaalalli kee jabaa
Kan bade ni qaqqaba
Kan kufe ol-qaba

           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Saba kee ilaali; Waaqa arjaa gaarii
           Dadhabbi isaaniitti gargaari