Qaraaniyoo Gubbaatti

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Qaraaniyoo gubbaatti dhiiga kee lolaaftee
          Isa na hidhettii cubbuuttii na hiikte
          Himee illee hin fixu Gooftaa ko gocha kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee

Akka ani homaa hin beekne utuun beeka ture
Maaliif ani si yakka Gooftaa ko ani hin barre
Edaa ati naaf jettee fannoo jiidhaa baatte
Kuftee otuu kaatuu du'a mootee kaate

          Qaraaniyoo gubbaatti dhiiga kee lolaaftee
          Isa na hidhettii cubbuuttii na hiikte
          Himee illee hin fixu Gooftaa ko gocha kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee
          Waa na fayyifatteef YESUS galata kee

Otuu ati na waamtuu dhaga'uu dadhabe
Dhiga kee qulqqulluu gubbaa tarkaanfadhe
Garaa naa hin kutanne na duukaa immoo buutee
Lubbuun koo otuu hin badin waamtee na deebifte

          Qaraaniyoo gubbaatti dhiiga kee lolaaftee
          Isa na hidhettii cubbuuttii na hiikte
          Himee illee hin fixu Gooftaa ko gocha kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee

Cubbuun na joonjessee iji koo na jaamee
Kan na argus dhabee bakkeetti gatamee
Otuu ani bitintiruu jooree otuu ani qoramuu
Goftaa koo na dhaabde, jaalalli kee hin dhumuu

          Qaraaniyoo gubbaatti dhiiga kee lolaaftee
          Isa na hidhettii cubbuuttii na hiikte
          Himee illee hin fixu Gooftaa ko gocha kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee

Akka ati na jaallatte anis siin nan fedha
Jaalala kee haa ta'uuf Gooftaa ko sin kadha
Akka ani siin biqile siin akka an guddadhu
Jaalala isa hin dhumne akka an siif qabaadhu

          Qaraaniyoo gubbaatti dhiiga kee lolaaftee
          Isa na hidhettii cubbuuttii na hiikte
          Himee illee hin fixu Gooftaa ko gocha kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee
          Waan na fayyifatteef YESUS galata kee