Ni Galateeffanna

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Ni galateeffanna, ni galateeffanna
          Ni galateeeffanna WAAQAYYOOni
          Kan inni nuuf godhe sammuu keenyaa oli
          Haa galateefamuu WAAQN Israa'eel

Yeroo hordofamne loltuu Fari'oonin
Nu duraa yommuu ciise Galaanichi Diimaan
Ni ceena hin seene baayyisnee yaaddofne
Garuu Galaanichi hiramee argine

          Ni galateeffanna, ni galateeffanna
          Ni galateeeffanna WAAQAYYOOni
          Kan inni nuuf godhe sammuu keenyaa oli
          Haa galateefamuu WAAQN Israa'eel

Yordaanoosis ture fuula keenya dura
Kan caalutti baane egaa atytam goona?
Jennee utuu wal gaafaannuu mala isaa wallaallee
Irreen WAAQA keenyaa olii nuu diriiree

          Ni galateeffanna, ni galateeffanna
          Ni galateeeffanna WAAQAYYOOni
          Kan inni nuuf godhe sammuu keenyaa oli
          Haa galateefamuu WAAQN Israa'eel

Tulluun Iyyaarikoo nu dura dhaabate
Isa jala darbuuf humna nu gaafate
Wanta goonu dhabne yommu ttenyee boonye
Humnin WAAQAA dhufe tullicha bittimse

          Ni galateeffanna, ni galateeffanna
          Ni galateeeffanna WAAQAYYOOni
          Kan inni nuuf godhe sammuu keenyaa oli
          Haa galateefamuu WAAQN Israa'eel

Wan baay'ee nuuf godhe kan nuyi hin yaadanne
Tokko tokkoon illee waan himuu hin dandeenye
Bowwaa keessaa fuudhee tulluu irra nu dhaabe
Ija diinaa duratti dhadhaan nu dhibe

          Ni galateeffanna, ni galateeffanna
          Ni galateeeffanna WAAQAYYOOni
          Kan inni nuuf godhe sammuu keenyaa oli
          Haa galateefamuu WAAQN Israa'eel

Inni kana godhe YESUS Gooftaa keenya
Haa galateefamuu maqaan Waaqa keenyaa
Badii keenyaa labsa diinni gaafa hundumaa
Nuyi immoo irra ijaajine dinqii Gooftaa himna

          Ni galateeffanna, ni galateeffanna
          Ni galateeeffanna WAAQAYYOOni
          Kan inni nuuf godhe sammuu keenyaa oli
          Haa galateefamuu WAAQN Israa'eel