From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
|
|
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች (Other Classic Mezmur Lyrics)
|
|
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifamaa dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifama dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Biyya-lafaa kanatti, qoramsi baay'atus
Dha'aa galaanaati fi lolaadhaan raafamnus
Amanachuun keenyua Waaqayyoon yoo ta'e
Bubbeen nutti hin bu'u jabaa illee yoo ta'e
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifamaa dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifama dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Amantiin nu qabnu, hundeen isaa jabaannaan
Surraa hafuura Gooftaa, guutuutti qabaannaan
Jireenyi nuyi jiraannu, eebba ni argata
Gogni hin qaqqabu, ija ni godhata
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifamaa dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifama dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Amantiitti huqqannee, yennaa dhukubsanne
Coccoba hafuura isaa, of keessa yoo dhabne
Jireenya nagaa hin qabne, kan jiraannu taana
Dha'aa galaanaa tii fi bubbeedhaan ni kufna.
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifamaa dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifama dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Amanachuun keenuya, eebba kee qabaatee
Iji garaa keenyaa, amantiitti jabaatee
Jireenya lalisaa, akkuma jiraannu
Nu gargaari ya Gooftaa, bubbicha akka moonu.
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifamaa dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
Namni Waaqayyoon amanatu eebbifama dha
Akka muka bisaan qarqaraa, lalisaa dha
|