Namni Waaqayyo Waaqa Isaa Ta'eef

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Qooqa ga'aa otuun qabaadahee
          Sagalee mi'aa'aan
          Ulfinan sii kenna Gooftaa
          Aarsaa urga'aan
          Gochaan kee baay'ee baay'ee dha
          Hin fixu odeessee
          {Galatuman sii galcha
           Baay'ee baay'isee} (2x)

Garaa balli'inni kan kee baay'ini jaalala kee
Ofitti na booji'ee na bubbulche mana kee
Maal eessumatti argama ya Waaq gaariin akka kee
Hubanna naman oli
baay'inni araara kee (2x)

          Qooqa ga'aa otuun qabaadahee
          Sagalee mi'aa'aan
          Ulfinan sii kenna Gooftaa
          Aarsaa urga'aan
          Gochaan kee baay'ee baay'ee dha
          Hin fixu odeessee
          {Galatuman sii galcha
           Baay'ee baay'isee} (2x)

Attam attam gaarii dha maqaa keen waamamuun koo
Iddoo gabii fi booqonnaa mana kee jiraachuun koo
Gaarummaa kana hundumaaf ani waanan godhe hin qabu
Sumatu na badhaasee
ulfinni siif haa ta'u (2x)

          Qooqa ga'aa otuun qabaadahee
          Sagalee mi'aa'aan
          Ulfinan sii kenna Gooftaa
          Aarsaa urga'aan
          Gochaan kee baay'ee baay'ee dha
          Hin fixu odeessee
          {Galatuman sii galcha
           Baay'ee baay'isee} (2x)

Isa kamiinan himee isa kamiinan dhiisaa
Odeeffamee woo hin dhumuu gochaan kee baay'inni isaa
Yaada koo hundaanis yaadee bira ga'uu hin danda'u
Akkasumattan jedha
galanni siif ha ta'u (2x)

          Qooqa ga'aa otuun qabaadahee
          Sagalee mi'aa'aan
          Ulfinan sii kenna Gooftaa
          Aarsaa urga'aan
          Gochaan kee baay'ee baay'ee dha
          Hin fixu odeessee
          {Galatuman sii galcha
           Baay'ee baay'isee} (2x)