Maqaan Waaqayyoo Jabaa Dha

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Maqaan WAAQAYYOO Jabaa Dha
Waammannaan hundaaf ga'aa dha
Dhukkubsatoota ni fayyisa
Maree seexanaa hundaa ni jigsa
Maqaan WAAQAYYOO jabaa dha

Mo'ee kan jiraatu, WAAQAfi lafa irratti
Aalfaa Omeegaa dha, gooftummaan kan isaa ti.
Maqaan isaa dinqii dha, angafa nagaa ti
Kan isa waammatuuf, hundee jireenyaa ti.

Maqaan WAAQAYYOO Jabaa Dha
Waammannaan hundaaf ga'aa dha
Dhukkubsatoota ni fayyisa
Maree seexanaa hundaa ni jigsa
Maqaan WAAQAYYOO jabaa dha

Maqaan WAAQA keenyaa, Masaraa jabaa dha
Kan itti baqatuuf, gaaddisa fi hirkoo dha
Namni tolaan waamee, gidiraa isaa oola
Badiisni hin argatu, nagaan ba'ee gala
 ::Maqaan WAAQAYYOO Jabaa Dha
Waammannaan hundaaf ga'aa dha
Dhukkubsatoota ni fayyisa
Maree seexanaa hundaa ni jigsa
Maqaan WAAQAYYOO jabaa dha

WAAQNI nama miti, soba kan dubbatu
Dhala namaas miti, waa kan irraanfatu
Dhimmee fiixaan baasuuf, kakuu isaa ni yaadata
Amanamummaa isaan, waan jedhe ni raawwata.

Maqaan WAAQAYYOO Jabaa Dha
Waammannaan hundaaf ga'aa dha
Dhukkubsatoota ni fayyisa
Maree seexanaa hundaa ni jigsa
Maqaan WAAQAYYOO jabaa dha