Lafa Gogaa Keessatti

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Lafa gogaa keessatti abdii koo kutadhe
          Sagalee guddisee gara keettan iyye
          Aggaar jettee maqaa koon na waamte
          Iyya sagalee koo Gooftaa naa dhageesse

Eenyutti si fakkeessu? eenyutti si qixxeessu?
Waaqa qixxe hin qabne baraan jiraataa kan taate
          Jaalalli kee adda
          Araarri kee YESUS
          Eegumsi kee YESUS

Bishaan waraabbachuuf aduu saafa keessa
Ani nama dhokadhee qobaa yammuun deeme
Ati garuu yaa YESUS na barbaacha dhufte
Bishaan bara-baraan Gooftaa na obaafte

          Lafa gogaa keessatti abdii koo kutadhe
          Sagalee guddisee gara keettan iyye
          Aggaar jettee maqaa koon na waamte
          Iyya sagalee koo Gooftaa naa dhageesse

Jaalalli kee Gooftaa baay'isee dinqii dha
Utuun sitti darbuu ofti na hawatta
Darbatee na hin gatne Gooftaa na jaalatta
Galanni guddaa isaa siif ha ta'u jedha

          Lafa gogaa keessatti abdii koo kutadhe
          Sagalee guddisee gara keettan iyye
          Aggaar jettee maqaa koon na waamte
          Iyya sagalee koo Gooftaa naa dhageesse

Lafan hidhamettii Gooftaa koo na hikte
Ana irratti ulfaachuuf mootii koo jaallatte
Ati na hin tuffatne situ na barbaade
YESUS na irra teenyaan ulfinaan argadhe

          Lafa gogaa keessatti abdii koo kutadhe
          Sagalee guddisee gara keettan iyye
          Aggaar jettee maqaa koon na waamte
          Iyya sagalee koo Gooftaa naa dhageesse