Laagaa Kan Kootiin

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

         Laagaa kan kootiin si faarsuu koo ti
         Afaan kan kootiin si jajuu kooti
         Bara-baraan ulfaadhu mootii (4x)

Gooftaa gooftootaa ulfaadhu ati
Waan qabu hundaa fudhadhu mootii
{Gatii galataa qalee dhiyeessa
Maaltu sii ta'a waan qabu keessa?} (2x)

         Laagaa kan kootiin si faarsuu koo ti
         Afaan kan kootiin si jajuu kooti
         Bara-baraan ulfaadhu mootii (4x)

Baruma baraan ati ulfaadhu
Afaan koo irraa aarsaa fudhadhu
{Gatii galataa aarsaa jaalala
Situ na baase diina koo jalaa} (2x)

         Laagaa kan kootiin si faarsuu koo ti
         Afaan kan kootiin si jajuu kooti
         Bara-baraan ulfaadhu mootii (4x)

Afaan koo kana xura'aa irraa
Galata fudhu mee Abba kiyya
{Xurii na dhiquuf fannoo irratti duute
Lubbuu xurooftuu qile'e fuute } (2x)

         Laagaa kan kootiin si faarsuu koo ti
         Afaan kan kootiin si jajuu kooti
         Bara-baraan ulfaadhu mootii (4x)

Qile'e fuutee gaara irra na baafte
Ka seeraan du'e du'aa na kaafte
{Hidhaa seeraa irraa gad na hiikteetta
Dhiiga kan keetiin anaan bitteetta } (2x)

         Laagaa kan kootiin si faarsuu koo ti
         Afaan kan kootiin si jajuu kooti
         Bara-baraan ulfaadhu mootii (4x)

Guyyuma guyyaatti anaan naa yaadda
Ija kan keetiin ana to'attaa
{Mucaa kan keetii ana hin dagattu
Si yaadee jira YESUS kottu } (2x)

         Laagaa kan kootiin si faarsuu koo ti
         Afaan kan kootiin si jajuu kooti
         Bara-baraan ulfaadhu mootii (4x)