Karaan Gara Waaqatti Geessu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Karaan gara waaqaatti geessu
Inni sonaan dhiphaa dha
Siif garuu iddoon kee jira
Ati yaa ilma namaa
Cubbuun kan joonjaa tu

Iddoon kee amma illee jira
Amma iyyuu si eega
Bobaa Yesus Kristoos jala
Achitti iddoon gaariin
Siif qopheefameera

Achi jiru kumaatamoonni
Kan qulqulla'ani
Waaqayyo ayyaana isaatiin
Iddoo gaarii tokko
Siifis kaa'ee jira

Egaa yaa nama cubbamaa
Gara Yesus kottu
Iddoo kee sonaan eeggadhu
Namni biraan dhufee
Akka hin fudhannetti

Ya Waaqayyo Waaqa kan koo
Sin galateefadha
Waan iddoo naa qopheessiteef
Achis nan jiraadha
Nagaas nan argadha

Nagaan ati naaf kennitus
Afaan namootatiin
Danda'ee hin dubbatamu
Hooqubaa Waaqayyoof
Kenni yaa lubbuu koo