Kan Nu Wajjin Jiru

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Kan Nu Wajjin jiru ini hunda caala
WAAQAYYO Gooftaa dha irreen isaa jabaa dha

Jaalalli isaa kan nu marsee jiru
Badiisa ta'u irraas inni nu baraaru
Araarri isaa guddaa dhalootaaf kan ga'u
WAAQA tokkicha dha hundumaa kan mo'u

Kan Nu Wajjin jiru ini hunda caala
WAAQAYYO Gooftaa dha irreen isaa jabaa dha

Kan nu wajjin jiru har' as boris ta' u
Amanamaa Gooftaaf galanni haa ta' u
Qulqulluu qulqulluu kan hunda irra olli
Saba hundaaf ga'a kan isaa jaalalli

Kan Nu Wajjin jiru ini hunda caala
WAAQAYYO Gooftaa dha irreen isaa jabaa dha

Yeroo keenya miti yeroo isaa eegganna
Waaqa dhugaa qabna yoom abdii kutanna
Kan maqaa isaas waame takkaa hin yeela'u
Gooftaa kan abdate tokko illee hin qaana' u

Kan Nu Wajjin jiru ini hunda caala
WAAQAYYO Gooftaa dha irreen isaa jabaa dha