Ka'i Ka'i Gooftaa

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Ka'i ka'i Gooftaa irree kee ol kaasi
          Akka bara durii humna kee mul'isi
          Kan si waammataniif saba keef deebisi
          Humna Waaqumma keen diina irraa bittimsi.

Nu hundu yakkine si gaddisifineerra
Araara kee Gooftaa qoosaatti fudhaneerra
Har'a garu kunoo diinaan marfamneera
Nun dhiisiin ka maalo nuu ergi araara

          

Dhibee fi dhiphuu yeelloo hamaa kana keessaa
Badii nutti dhufe jalaa enyutu nu baasa
Cubbuu keenyaaf jettee Gooftaa nun dhiisiin ka
Maqaa kee tiif jedhi maaloo nu maari ka

          

Diinni itti bobba'ee dhiphuun marfamani
Gidiiraa guddaa dhaaf naasutti kan jiran
Uumama harka kee tii gargaari saba kee
Diina irraa aggadhu ergiif gaachana kee

          .

Nu hin leyyaasisin maqaa kee waammanna
Waa'ee saba keenyaaf Gooftaa si kadhanna
Nu hoomaa hin dandeenyu garu si waammanna
Ati hundaa dandeessa kanaaf si abdanna

          K.