Ittisuu Hin Dandeenye

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Ittisuu hin dandeenye
Danqaraa caccabse, gufuu bubuqise
Ifni Wangeelichaa, hin ba'e ni boba'e
Darbe dabarfame, ibiddaan qorame
Naannoo lafaan ba'e, saba keenya ga'e

Situ nu jaalaate, situ nu barbaade
Situ nu argate WAAQA keenya
Galata galata siif galchina
Kan bira maal jeenna? ulfaadhu WAAQA keenya

Ittisuu hin dandeenye
Danqaraa caccabse, gufuu bubuqise
Ifni Wangeelichaa, hin ba'e ni boba'e
Darbe dabarfame, ibiddaan qorame
Naannoo lafaan ba'e, saba keenya ga'e

Bishaanitti gatame ciccite hin banne
Ibiddaan gubame boba'e hin duminne
Dubbiin wangeelichaa humna WAAQAYYOO ti
Moo'icha labse diina irratti

Ittisuu hin dandeenye
Danqaraa caccabse, gufuu bubuqise
Ifni Wangeelichaa, hin ba'e ni boba'e
Darbe dabarfame, ibiddaan qorame
Naannoo lafaan ba'e, saba keenya ga'e

Akeeki WAAQAYYOO akka nama miti
Karaatti hin hafu amma raawwatutti
Balleessuu yaallaani ittuma caale
Qixxee kan hin qabne jabaa ta'ee argame

Ittisuu hin dandeenye
Danqaraa caccabse, gufuu bubuqise
Ifni Wangeelichaa, hin ba'e ni boba'e
Darbe dabarfame, ibiddaan qorame
Naannoo lafaan ba'e, saba keenya ga'e

Bara keessa darbe baraan jiraataa dha
Hin du'u, hin dulloomu dhugaadhaan hojjeta
Yoom argine? ganaa arguuf jirra humna isaa
Ayyaana isaa, isa hin dhumne walga'aa saba isaa

Ittisuu hin dandeenye
Danqaraa caccabse, gufuu bubuqise
Ifni Wangeelichaa, hin ba'e ni boba'e
Darbe dabarfame, ibiddaan qorame
Naannoo lafaan ba'e, saba keenya ga'e