Ishoo kaa ishoo ni gammadna

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Ishoo kaa ishoo ni gammadna
Fayyisaan dhalatee, ni ililchina
Dukkanni cala'ee, ifni nuu ba'eerraa
Aangoon du'aa cabee jireenya arganneerra

Afaan raajota isaan akkuma dubbate
WAAQAYYOO saba isaaf kakuu isaa raawwate
Biyya-lafaatti ergee tokkicha ilma isaa
Kunoo nu agarsiise guddaa jaalala isaa

Ishoo kaa ishoo ni gammadna
Fayyisaan dhalatee, ni ililchina
Dukkanni cala'ee, ifni nuu ba'eerraa
Aangoon du'aa cabee jireenya arganneerra

Mucaa inni dhalate Amaanu'eel maqaan isaa
WAAQAYYO nu wajjiin kan jedhu hiikaan isaa
Inni WAAQA jaalalaa, angafa nagaa ti
Nu araarsuuf kan dhufe WAAQAYYO Abbaatti

Ishoo kaa ishoo ni gammadna
Fayyisaan dhalatee, ni ililchina
Dukkanni cala'ee, ifni nuu ba'eerraa
Aangoon du'aa cabee jireenya arganneerra

Maqaan isaa YESUS mootiin nuuf dhalate
Araara nuu kennuuf jaalalaan kan guute
Nuyis egaa ni simanna gammachuun ililchaa
Tola waan arganneef WAAQA Abbaa-Qorichaa

Ishoo kaa ishoo ni gammadna
Fayyisaan dhalatee, ni ililchina
Dukkanni cala'ee, ifni nuu ba'eerraa
Aangoon du'aa cabee jireenya arganneerra

Ulfina isaa dhiisee WAAQA irraa kan bu'e
Kristoos fayyisaan jireenya nuuf ta'e
Kottaa ni gammadnaa, yaa namaa ilili jennaa
Galata irraa kan hafe silaa maal deebifnna

Ishoo kaa ishoo ni gammadna
Fayyisaan dhalatee, ni ililchina
Dukkanni cala'ee, ifni nuu ba'eerraa
Aangoon du'aa cabee jireenya arganneerra