From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
|
|
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች (Other Classic Mezmur Lyrics)
|
|
Iree Kee ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Irree Kee Ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Waldaa Kristiyaanaa haa jabeessuuf
Amantootaafis, humna haa kennuuf
Ilmaan Kee gidduutti, jaalalli haa bu'uu
Hoolota tamsa'an haa sassaabuuf
Iree Kee ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Irree Kee Ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Seexana diina keenya nu irraa haa darbatuuf
Haafuura hamaa haa fageessuuf
Karaa jal'inaa haa qajeelchuuf
Daandii dukkanaa irratti nuuf haa ibsuuf
Iree Kee ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Irree Kee Ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Lubbuun babbade haa gammaduuf
Kan abdii dhabes haa jabeessuuf
Iji kan jaame haa banamuuf
Gurri kan duudes haa dhaga'uuf
Iree Kee ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Irree Kee Ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Jireenya hin banne akka argannuuf
Karaa Kee gubbaa nu haa geggeessuuf
Yerusaalemiin akka geenyu
Mootummaa WAAQAA akka dhaalluuf
Iree Kee ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
Irree Kee Ol kaasi Gooftaa
Humna Kee mul'isii
|