Inni Gooftaadha

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Inni Gooftaadha (2x)
          Kan nama hin ganne Waaqa gaarii dha
          Araarri isaa lakkoobsa hin qabu
         Isaaf safuu.

Akka yakka koof na irraa hin fagaanne
Baayyina araarasaatiin na fure
Iji koos har'a isa argeera
Ani fayyeera.

          Inni Gooftaadha (2x)
          Kan nama hin ganne Waaqa gaarii dha
          Araarri isaa lakkoobsa hin qabu
         Isaaf safuu.

Kan akka Waaqa koo tii jiraaree
Hibboo namaa baatee kan hin turree
Harka isaa bal'isee kan araara.
Na hiikeera.

          Inni Gooftaadha (2x)
          Kan nama hin ganne Waaqa gaarii dha
          Araarri isaa lakkoobsa hin qabu
         Isaaf safuu.

Abdii naa kutatee narraa hin gorre
Inni fayyina koof ariifate
Dadhabbii amantii koos gargaareera
Na dhaabeera.

          Inni Gooftaadha (2x)
          Kan nama hin ganne Waaqa gaarii dha
          Araarri isaa lakkoobsa hin qabu
         Isaaf safuu.

Lafeekoo harca'aa sasaabeera
Hafuura isaa tiin na haaresseera
Ija Waaqa koo tiin ilaalameera
Naaf toleera.

          Inni Gooftaadha (2x)
          Kan nama hin ganne Waaqa gaarii dha
          Araarri isaa lakkoobsa hin qabu
         Isaaf safuu.

Araara Gooftaa koo ani nan odeessa
Cal nan jechisiisuu anan oolmaan isa
Seenaa jireenya koo tiis haaresseera
Na guuteera.

          Inni Gooftaadha (2x)
          Kan nama hin ganne Waaqa gaarii dha
          Araarri isaa lakkoobsa hin qabu
         Isaaf safuu.