Iji Waaqaa Kootii Anumarra Jiraa

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Yammuttiin dhiphinaan marfamee
Qilleensaan keessi koo raafamee
Yammu afaan Leenchichaa banamee
Anis achitti yammuun gatamee
Ija isaa takka an irraa hin buqifannee
IYESUS Gooftaan koo hamaatti nan laanne
Afaan binensichaa humnasaan cufeeraa
Boolla badiisaatii ol na baafateeraa

Iji Waaqa koo tii anumarra jira (2x)
Eegumsasaatiin kunoo har'a ga'eeraa
Maaliifaan cal jedhaa? galatasaan himaa (2x)
Qaanii uffachiisee, diina koo ari'eeraa (2x)
Nas gammachiiseeraa.

Natti uursee qilleensi qorumsaa
Na baasuuf mana Gooftaa keessaa
Jabaatee an irratti ka'u iyyuu
Baayyisee ulfaataa ta'u iyyuu
Inni na waamee Gooftichi inni jabaan
Adeemuu inni danda'u qilleensa saquudhaan
Rakkoo koo ilaalee na biraan ba'eeraa
Sagalee isaa ergee na jajjabeesseeraa.

Iji Waaqa koo tii anumarra jira (2x)
Eegumsasaatiin kunoo har'a ga'eeraa
Maaliifaan cal jedhaa? galatasaan himaa (2x)
Qaanii uffachiisee, diina koo ari'eeraa (2x)
Nas gammachiiseeraa.

Diinni koo hidhatee naaf ka'ee
Aariidhaan garaan isaa baba'ee
Billaasaa narratti yoo ol fudhatee
Nakutuuf yoo anatti aggaammatee
Da'oo kan naaf ta'ee uumaan waaqa fi lafaa
YESUS har'a ka'een na olchuudhaaf dhufaa
Ijii koo argeeraa isaa anaaf loluu
Mo'icha naaf laatee maqaan isaa ha ulfaatuu

Iji Waaqa koo tii anumarra jira (2x)
Eegumsasaatiin kunoo har'a ga'eeraa
Maaliifaan cal jedhaa? galatasaan himaa (2x)
Qaanii uffachiisee, diina koo ari'eeraa (2)
Nas gammachiiseeraa.

Deemsi koo bu'a ba'iin gute
Dadhabbiin yoo natti baayyate
Ibiddi dachaadhaan boba'e
Na gubuuf diinni yoo qophaa'e
Humna abiddichaa tasa taasiseera
Ani kanan waaqessuu aangoodhaan ka'eera
Ija isaa an irraa takka hin buqqifatu
Jaalleen koo YESUS yeroo hundaa ha ulfaatu.

Iji Waaqa koo tii anumarra jira (2x)
Eegumsasaatiin kunoo har'a ga'eeraa
Maaliifaan cal jedhaa? galatasaan himaa (2x)
Qaanii uffachiisee, diina koo ari'eeraa (2x)
Nas gammachiiseeraa.