Hundumaa Kan Caalu Isa Sodaadhu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

         Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
         Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
         Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
         Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa

Garaa kee guutun Gooftaa jaalladhu
Hafuura dhugaa of keessaa qabaadhu
Tortoree badaa foon dhadhabaa dhaa
Namni YESUSiin hin qabne reeffa gogaa dhaa (2x)

         Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
         Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
         Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
        Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa

Fuula Gooftaa keetti gadi jechuu bari
Sirraa haa mul'atuu hojii inni gaariin
Hojii foon keetiin maaliif of jejja
Waan bu'aa hin qabneef joortee baajjajja (2x)

         Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
         Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
         Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
        Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa

Jilbi hundinuu isaaf jilbeenfata
Arrabni hundinuus maqaa isaa faarfata
Ulfina kenniif gadi jedhiitii
Yoo gadi of qabde ol si qabaatii (2x)

         Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
         Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
         Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
        Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa

Uumaa dha inni jalqabaa fi dhuma
Jiraataa Gooftaa yeroo hundumaa
Waaqa dhugaa dha kan qixee hin qabne
Kan hin dadhabne hin duune hin dulloomne (2x)

         Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
         Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
         Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
        Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa

Yommuu dubbatu lafa sochoosa
Baay'ee jabaadha ni sodaachisa
Humna isaa kana eenyutu hubata?
Fuula isaa abidda dura eenyutu dhaabata? (2x)

         Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
         Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
         Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
         Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa