Hundinuu Harka Kee Keessa Jira

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Hundinuu harka kee keessa jira
          Yaa Gooftaa siin maaltu dhiba
          Ati woo ni dandeessa hundumaa
          Ati woo ni dandeessa hundumaa

Kan humna koon olii na irra kan jabaatu
Baay'ee siif salphaa dha si dura hin dhaabatu
Gooftummaan hundinuu harkuma kee keessa
Waan feete raawwachuuf ati woo humna qabeessaa

          Hundinuu harka kee keessa jira
          Yaa Gooftaa siin maaltu dhiba
          Ati woo ni dandeessa hundumaa
          Ati woo ni dandeessa hundumaa

Lubbuu koo yommuu uumtee jireenya naa laattee
Kennaa dhuma hin qabneen abdiin na gonfitee
Kan boriif yaadda'ee ani maaliifan dhiphadha
Naaf kan barbaachisu ati woo hundumaa qabdaa

          Hundinuu harka kee keessa jira
          Yaa Gooftaa siin maaltu dhiba
          Ati woo ni dandeessa hundumaa
          Ati woo ni dandeessa hundumaa

Yaada garaa kootii ba'aa koo hundaa fudhee
Gara kee dhufeera Gooftaa si amanadhee
Araara keen YESUS na mil'adhu al-tokko
Gaaffii kootiif deebiin si'uma Waaqa koo

          Hundinuu harka kee keessa jira
          Yaa Gooftaa siin maaltu dhiba
          Ati woo ni dandeessa hundumaa
          Ati woo ni dandeessa hundumaa

Jaalala kee duwwaa hubadhee jiraachuuf
Obsa kee naa kenni akka ani si eeggadhuuf
Dadhabbii kootti immoo ati humna naa ta'i
Mootummaa kee dhaaluuf kan ga'u na godhi

          Hundinuu harka kee keessa jira
          Yaa Gooftaa siin maaltu dhiba
          Ati woo ni dandeessa hundumaa
          Ati woo ni dandeessa hundumaa