Hoo'u Galata Yesus

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Hoo'u galata YESUS (4x)

Imimmaanin kan facaafne gammachuudhaan haammaneerra
Bissi gammachuu galataan kuno baanne dhufneerra

Waggaa soddomi saddeti bishaan bira utuun ciisuu
Namni hundu na argee na dhiisee yammu deemu
Imimmaan koo argitee na bira hin darbine
Siree kee baadhadhu ka'ii deemi naan jette

Hoo'u galata YESUS (4x)

Waggaa kudha lama dhiign koo utuu jigu
Ani abdii kutadhee du'a utuun eegu
Ati garuu ya Gooftaa garaan kee naa gadde
Dhiphina koo argitee na qulqullesite

Hoo'u galata YESUS (4x)

Bara jireenya koo iji koo kan jaame
Karaa dura taa'ee gargaarsa barbaade
Sagalee guddaadhaan iyyeetan waammadhe
Gooftaan koos na argee fayyina naa ta'e

Hoo'u galata YESUS (4x)

Gaaffii koo tiif deebii YESUSttu naaf ta'e
Hibboo jireenya koo isatu naaf hike
Gochaa isaa kanaaf maalan deebisaaf
Dinqii isaan naguute galanni ha ta'uuf

Hoo'u galata YESUS (4x)