Hin Eegin Diina Ko Kufaatii Koo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

     Hin eegin (2x) diina koo kufaatii koo
     Otuu ati kana eegduu,
     Dhadhaa ejersaa dibe Gooftaan mataa koo
     Maal sii wayya ree, attam goota ree?
     Kakuu Gooftaan koo, waa'ee koof gale
     Karaatti hin hafu, raawwatu malee.
     
Isatu na waame nama cubbamtuu
Tola isaan malee gaarummaa hin qabu
Najaallate woo utuma beekuu
Waaqni Israa'eel nama hin tuffatu.

     Hin eegin (2x) diina koo kufaatii koo
     Otuu ati kana eegduu,
     Dhadhaa ejersaa dibe Gooftaan mataa koo
     Maal sii wayya ree, attam goota ree?
     Kakuu Gooftaan koo, waa'ee koof gale
     Karaatti hin hafu, raawwatu malee.
     
Nan xuxuqini lakki ya diinaa
Gooftaan waaqa irraa billaan sitti dhufa
Waaqni ani waaqessu Waaqa dhugaa dha
Kufuu koo hin eegin innoo na dhaabaa.

     Hin eegin (2x) diina koo kufaatii koo
     Otuu ati kana eegduu,
     Dhadhaa ejersaa dibe Gooftaan mataa koo
     Maal sii wayya ree, attam goota ree?
     Kakuu Gooftaan koo, waa'ee koof gale
     Karaatti hin hafu, raawwatu malee.
     
Darbee hin fudhannee eebba Gooftaa koo
Isatu jaallattee waame maqaa koo
Maa natti hinaaftaa ati ya seexanaa
Gooftaan si'achuu eebbaan na gonfaa.

     Hin eegin (2x) diina koo kufaatii koo
     Otuu ati kana eegduu,
     Dhadhaa ejersaa dibe Gooftaan mataa koo
     Maal sii wayya ree, attam goota ree?
     Kakuu Gooftaan koo, waa'ee koof gale
     Karaatti hin hafu, raawwatu malee.
     
Waan bay'ee jedhe Yesus waa'ee koo
Kakuu hin jijjiiruu takkaa Waaqni koo
Isa dubbatee raawwachuu beeka
Ati ya diina koo eessa lixa egaa?

     Hin eegin (2x) diina koo kufaatii koo
     Otuu ati kana eegduu,
     Dhadhaa ejersaa dibe Gooftaan mataa koo
     Maal sii wayya ree, attam goota ree?
     Kakuu Gooftaan koo, waa'ee koof gale
     Karaatti hin hafu, raawwatu malee.
     
Dhoqee sochootuu keessaa na baasee
Miilla ko dhaga irra inni anaaf dhaabe
Asiin na ga'ee na gata seetee?
Innoo nan dhiisuu kudadhu abdii kee.

     Hin eegin (2x) diina koo kufaatii koo
     Otuu ati kana eegduu,
     Dhadhaa ejersaa dibe Gooftaan mataa koo
     Maal sii wayya ree, attam goota ree?
     Kakuu Gooftaan koo, waa'ee koof gale
     Karaatti hin hafu, raawwatu malee.