Haalleeluyyaa Gooftaa Yesus Nuu Du'eera

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Haalleeluyyaa Gooftaa YESUS nuu du'eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka'eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Dhiiga isaa dhangalaasee cubbuuttii nu qulleesee
Lubbuu isaa nuuf dabarsee du'attii nu fayyise
Mal jaalalli akas guutuun nama hundumaaf kan ga'u
Kan biraa maal jennaree? galanni isaaf haa ta'u

Haalleeluyyaa Gooftaa YESUS nuu du'eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka'eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Ofii isaatii dhiphatee dhiphina keessaa nu baase
Garafamee madaa'ee madaa keenya fayyise
Fafagaannee kan turre walitti nu dhi'eessee
Jaalalaan gidduu dhufee Abbaa isaatti nu araarse

Haalleeluyyaa Gooftaa YESUS nuu du'eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka'eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Gindillaa jiidhaa baatee lafa irra harkifame
Jibbamee tuffatamee dhiitamee darbatame
Gonfoo qoraattii keewwatee gidiraa guddaa fudhatee
Ofii isaatii yeelaa'ee nuyiif ulfina kennee

Haalleeluyyaa Gooftaa YESUS nuu du'eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka'eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Nu akka duunee hin banneef YESUS du'ee du'aa ka'ee
Cubbuu hunduma keenyaa ofuma isaa irra ka'e
Dhiigni isaa dhangala'ee fannoo irratti kan lola'e
Nama hundumaa fayyisuuf isatu ga'aa ta'e