Gooftas Yesus An Sin Dhiisu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Gooftaa YESUS an sin dhiisu
Qorumsisi booddeetti nan deebisu
Anaaf yeroo hundaa gammachuun koo
Mana kee ijaaruu dha Gooftaa koo
Mana kee keessas jiraachuun koo
Anaaf ulfina mootii koo

Na akeekkachisteetta akkan waan hunda ta'uuf jiruuf
Dammaqee akkan kadhadhuu fi jabaadhe akkan dhaabadhuuf
Humna kee naa dabalii hafuura keen na jabeessi
Dhaga'ee akkan hin kufne yeroo hunduma ati na dammaqsi

Gooftaa YESUS an sin dhiisu
Qorumsisi booddeetti nan deebisu
Anaaf yeroo hundaa gammachuun koo
Mana kee ijaaruu dha Gooftaa koo
Mana kee keessas jiraachuun koo
Anaaf ulfina mootii koo

Gadda moo ariyatamuu dha sitti kan gargar na baasu
Yookis arabsamuudhaan namummaan koo yammu yeella'u
Gochaa kee deebisuu dhaaf kan kee qoosatti yoom raawwatama
Gooftaa koo siif yo ta'e lubbuu koo ani laadha

Gooftaa YESUS an sin dhiisu
Qorumsisi booddeetti nan deebisu
Anaaf yeroo hundaa gammachuun koo
Mana kee ijaaruu dha Gooftaa koo
Mana kee keessas jiraachuun koo
Anaaf ulfina mootii koo

Lubbuu kee dabarsitee fannoo irratti naaf dhiphate
Du'af kanan kenname lubbuu koo immoo jiraachiste
Kanan argadhu hundinu bara jireenya koo guututti
Waan fedhe illee yoo ta'e gammachuun siin argadhu hin caalu

Gooftaa YESUS an sin dhiisu
Qorumsisi booddeetti nan deebisu
Anaaf yeroo hundaa gammachuun koo
Mana kee ijaaruu dha Gooftaa koo
Mana kee keessas jiraachuun koo
Anaaf ulfina mootii koo