Gooftaa Yesus Ati Waaqa Dhugaa Dha

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Gooftaa YESUS Ati WAAQA Dhugaa Dha
Kan si amanateef ati amanamaa dha
Qulqulluu Hafuura kee nurratti dhangalaasi
Karaa Tsiyoon gubbaa dinqiin nu geggeessi

Waaqni teesso keeti, laftiis ejjeta kee
Mo'ichaan geggeessi maaloo ijoollee kee
Abdiin keenya si'ii nu si amanneerraa
Jireenyaan nu ga'i nu sitti of laaneerraa

Gooftaa YESUS Ati WAAQA Dhugaa Dha
Kan si amanateef ati amanamaa dha
Qulqulluu Hafuura kee nurratti dhangalaasi
Karaa Tsiyoon gubbaa dinqiin nu geggeessi

Hundumtuu ni darba hawwiin biyya lafa
Akka sagalee keetti situ jabaatee hafa
Baajjajaa kan jiran uumaa harka kee waami
Ati karaa jireenyaa laphee isaaniitti himi

Gooftaa YESUS Ati WAAQA Dhugaa Dha
Kan si amanateef ati amanamaa dha
Qulqulluu Hafuura kee nurratti dhangalaasi
Karaa Tsiyoon gubbaa dinqiin nu geggeessi

Ati Aalfaa Omeegaa dha kan hin jijjiramne
Karaa kee irratti nu eegi akka sirraa hin banne
Burqaa isa jireenyaa Gooftaa keenya dhiifne
Biyya lafaa gubbaa gonkumaa akka hin buune

Gooftaa YESUS Ati WAAQA Dhugaa Dha
Kan si amanateef ati amanamaa dha
Qulqulluu Hafuura kee nurratti dhangalaasi
Karaa Tsiyoon gubbaa dinqiin nu geggeessi

Yeroon isaa ga'eera firdiin dhi'aateera
Gooftaanis dhufuu dhaaf miilli isaa ala jira
Kanaaf yaa obbolootaa qalbii jijjiirrana
Akka sagalee isaatti qophoofnee isa eegna

Gooftaa YESUS Ati WAAQA Dhugaa Dha
Kan si amanateef ati amanamaa dha
Qulqulluu Hafuura kee nurratti dhangalaasi
Karaa Tsiyoon gubbaa dinqiin nu geggeessi