Galanni Waaqa Keenyaaf Haa Ta'u

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Galanni WAAQA keenyaaf haa ta'u
Ulfinnis Gooftaa keenyaaf haa ta'u
Kiyyoo diinni kaa'e iddoo isaatii fuudhee
Caccabseera woo Ameen, Ameen
Harka keenya qabee,
Gufuu diinaa bira nu dabarseera woo

Yommuu diinni keenya nu doorsise baay'ee sodaanne
Kiyyoo isaatti kufnee daaraa taanee kan bannu seenee
WAAQNI keenya garuu dafee nuu birmatee
Afaan diina keessaa isatu nu baafate

Galanni WAAQA keenyaaf haa ta'u
Ulfinnis Gooftaa keenyaaf haa ta'u
Kiyyoo diinni kaa'e iddoo isaatii fuudhee
Caccabseera woo Ameen, Ameen
Harka keenya qabee,
Gufuu diinaa bira nu dabarseera woo

WAAQNI nuii amanannee maqaa isaa waammanne nu hin ganne
Rakkinaa fi dhiphinatti dagatee qofaatti nu hin dhiifne
Halloo diina keenyaa keessa nu dabarsee
Maqaan isaa haa ulfaatu mo'ichaan nu dhaabee

Galanni WAAQA keenyaaf haa ta'u
Ulfinnis Gooftaa keenyaaf haa ta'u
Kiyyoo diinni kaa'e iddoo isaatii fuudhee
Caccabseera woo Ameen, Ameen
Harka keenya qabee,
Gufuu diinaa bira nu dabarseera woo

Afaab leencaa cufee daani'eelin ilma isaa kan oolche
Mishaak, Saadraakii fi Abdineegoo abiddaa kan baase
Har'as WAAQNI keenya humni isaa hin hir'anne
Dinqii isaa ni jojjeta maqaa isaa yoo waammanne

Galanni WAAQA keenyaaf haa ta'u
Ulfinnis Gooftaa keenyaaf haa ta'u
Kiyyoo diinni kaa'e iddoo isaatii fuudhee
Caccabseera woo Ameen, Ameen
Harka keenya qabee,
Gufuu diinaa bira nu dabarseera woo

Nu wareersuuf jedhee oduu hin taane diinni facaase
Maqaa Gooftaa waamnee humna isaatiin dafnee gabi goone
Xiyyi diina keenyaa nuttuu hin dhi'aannee
WAAQAYYO haa ulfaatu nu woo rafnee bulle

Galanni WAAQA keenyaaf haa ta'u
Ulfinnis Gooftaa keenyaaf haa ta'u
Kiyyoo diinni kaa'e iddoo isaatii fuudhee
Caccabseera woo Ameen, Ameen
Harka keenya qabee,
Gufuu diinaa bira nu dabarseera woo