Galanni Afaan Koo Ol Ol Ha Ba'u

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Galanni afaan koo OL-OL ha ba'u
Teessoo ulfinaa kees dafee ha qaqqabu
Aarsaa bareedaa ta'ee sitti ha urgaa'uu
Gooftaa koo sitti ha toluu, YESUS koo sitti ha toluu,

An badeeraa se'ee baay'een yaadda'ee
Lafa gogaa keessatti qobaa koon se'ee
Harka keen argee gara koo hiixate
Ol nakaafte Gooftaa humna koo taatee,
Na jabeesite.

Galanni afaan koo OL-OL ha ba'u
Teessoo ulfinaa kees dafee ha qaqqabu
Aarsaa bareedaa ta'ee sitti ha urgaa'uu
Gooftaa koo sitti ha toluu, YESUS koo sitti ha toluu,

Sin jaalladha jettee namararfatte
Bakkee onaa keessatti natti dubbatte
Dhaaba wayinii koos anaaf deebifte
Dachaa Akooriinis abdiidhaan gutte,
Na gammachistee.

Galanni afaan koo OL-OL ha ba'u
Teessoo ulfinaa kees dafee ha qaqqabu
Aarsaa bareedaa ta'ee sitti ha urgaa'uu
Gooftaa koo sitti ha toluu, YESUS koo sitti ha toluu,

Michuu kootti hirkadhee anoo nan ba'e
Iddoo gogaa sana booddee kootti dhiise
Gooftaan koo YESUS garaa naa laafe
Dadhabbii koo hundaatti humna naa ta'e,
Cimsee na dhaabee.

Galanni afaan koo OL-OL ha ba'u
Teessoo ulfinaa kees dafee ha qaqqabu
Aarsaa bareedaa ta'ee sitti ha urgaa'uu
Gooftaa koo sitti ha toluu, YESUS koo sitti ha toluu,

Borofni dheebotee bishaan akka yaaduu
Lafa gogaa keessatti akka ani gagagabu
Dheebuu lubbuu koos Gooftaa argite
Bishaan jireenyaatiin ati na quubsite,
Dheebuu na baafte.

Galanni afaan koo OL-OL ha ba'u
Teessoo ulfinaa kees dafee ha qaqqabu
Aarsaa bareedaa ta'ee sitti ha urgaa'uu
Gooftaa koo sitti ha toluu, YESUS koo sitti ha toluu,