Fuula Gooftaa Koo Dhaabbeen Faarfadha

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Fuula Gooftaa Koo dhaabbeen faarfadha
Ulfina WAAQAA naman fakkaadha
Ergan argadhe Gooftaa YESUSin
Sinboodhaan guutee namummaan koosi

Dibata Gooftaa koon bareedeera
Daaraa nafa koos na irraa urgufeera
Maqaa Gooftaa tiin ani woo waamame
WAAQAYYO macaa natti araarame

Fuula Gooftaa Koo dhaabbeen faarfadha
Ulfina WAAQAA naman fakkaadha
Ergan argadhe Gooftaa YESUSin
Sinboodhaan guutee namummaan koosi

Maaqii gadda koo na irraa gateera
Wayyaa ayyaana isaa natti uwwiseera
Gaddebuun koo eegaa raawwateera
Galata WAAQAYYO an bareedeera

Fuula Gooftaa Koo dhaabbeen faarfadha
Ulfina WAAQAA naman fakkaadha
Ergan argadhe Gooftaa YESUSin
Sinboodhaan guutee namummaan koosi

Isatti jiraadhe hooma iyyuu hin dhabne
Jireenya koo tiif takkaa hin yaaddofinne
Deegaa fakkadhus ani sooromeera
Kun hundu isumaan kan ka'ee dha

Fuula Gooftaa Koo dhaabbeen faarfadha
Ulfina WAAQAA naman fakkaadha
Ergan argadhe Gooftaa YESUSin
Sinboodhaan guutee namummaan koosi

Hojii mana isaaf isatu na dhaabe
Tola koon mitii Gooftaan naa godhe
Gochaa isaa kanaaf maalan deebisa?
Ulfinni hoo quba galanni kan isa.

Fuula Gooftaa Koo dhaabbeen faarfadha
Ulfina WAAQAA naman fakkaadha
Ergan argadhe Gooftaa YESUSin
Sinboodhaan guutee namummaan koosi