Eenyuun Miti Waaqa Koo Si'iin

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Eenyuun miti WAAQA ko
Si'iin naa ta'een arge waan hundumtu
Kan ani si hin gaafanne illee
Hawwii koo naa gooteen argee woo ati hoo
Hunduu si'iin naa ta'e, hunduu si biraa ta'

Kanan tuffatamee ture fuula hundumaa duratti
Gooftaan koo garuu jijjiree dukkana koo ifatti
Lafan kufee olkaasee isa na dhaabeef
Cal hin jedhu nan faarsa ani WAAQA Koofi (2x)

Eenyuun miti WAAQA ko
Si'iin naa ta'een arge waan hundumtu
Kan ani si hin gaafanne illee
Hawwii koo naa gooteen argee woo ati hoo
Hunduu si'iin naa ta'e, hunduu si biraa ta'e

Eenyummaan koo si hin dhowwine ana gargaaruuf
Kakuu isa anaaf galtee yeroo keetti raawwachuuf
Waawwaanna ko dhaga'ee deebii isa naa ta'eef
Cal hin jedhu nan faarsa WAAQA koofi (2x)

Eenyuun miti WAAQA ko
Si'iin naa ta'een arge waan hundumtu
Kan ani si hin gaafanne illee
Hawwii koo naa gooteen argee woo ati hoo
Hunduu si'iin naa ta'e, hunduu si biraa ta'e

Tola tokkoon utu hin ta'iin kan ati naaf goote
Jaalala kee tu baay'anaan lubbuu koo ti dhimmite
Dadhabbii koo keessatti humna isa naa ta'eef
Cal hin jedhu nan faarsa ani WAAQA koofi (2x)

Eenyuun miti WAAQA ko
Si'iin naa ta'een arge waan hundumtu
Kan ani si hin gaafanne illee
Hawwii koo naa gooteen argee woo ati hoo
Hunduu si'iin naa ta'e, hunduu si biraa ta'e

Lafa onaatti gatamee obsi koo yommuu dhume
Nan argeem harka YESUS koo an irra dirirfame
Qobummaa koo ilaalee michuu isa naa ta'eef