Eebbisi Lubbuu Koo Waaqayyoon

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Eebbisi, Lubbuu koo WAAQAYYOOn eebisi
Gochaa isaa hundumaa hin irraanfatiini
Hbadhuu, olmaan sii oolees yaadadhu
Dhugaadhaa fi hafuuraan Gooftaa Waaqeefadhu.

Gadda kee hundumaa kan si irraanfachise
Ayyaanaan si marsee jabina kees ta'e
Dhiphina hunda irras baatee si dabarse
Waaqa kee eebbisii kan har'aan si ga'e.

Eebbisi, Lubbuu koo WAAQAYYOOn eebisi
Gochaa isaa hundumaa hin irraanfatiini
Hbadhuu, olmaan sii oolees yaadadhu
Dhugaadhaa fi hafuuraan Gooftaa Waaqeefadhu.

Maaltu sitti hir'ate maaliif guumgumta?
Eebbisi WAAQA ke lagicha ceeteetta
Dibbee kee fudhuu ti shubbisi ulfina isaaf.
Dinakee fixeraa faarsi galataa isa.

Eebbisi, Lubbuu koo WAAQAYYOOn eebisi
Gochaa isaa hundumaa hin irraanfatiini
Hbadhuu, olmaan sii oolees yaadadhu
Dhugaadhaa fi hafuuraan Gooftaa Waaqeefadhu.

Utuu ati hin jaallatiin inn si jaallate
Garbummaa cubbuu keessaa si baafate
Hidhaa biyya lafaa kan si irraa kukkute
Hojii isaaf mana isaa keessa kan si dhaabe.

Eebbisi, Lubbuu koo WAAQAYYOOn eebisi
Gochaa isaa hundumaa hin irraanfatiini
Hbadhuu, olmaan sii oolees yaadadhu
Dhugaadhaa fi hafuuraan Gooftaa Waaqeefadhu.

Akka agartuu ijaa isaa kan siif eeggatu
Hamaa kan sitti yaaduu diina kees rukutu
Lubbuu isaa amma kennutti kan si jaallatu
Kan akka WAAQAYYOO eessaa iyyuu hin argattu.

Eebbisi, Lubbuu koo WAAQAYYOOn eebisi
Gochaa isaa hundumaa hin irraanfatiini
Hbadhuu, olmaan sii oolees yaadadhu
Dhugaadhaa fi hafuuraan Gooftaa Waaqeefadhu.