Buufannee Yommuu Teenye Laga Baabyiloon

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Buufannee yommuu teenye laga Baabyiloon
          Weedduu ishee yaadanne biyyattii Tsiyoon
          Kiraara koo qilxuutti rarraase
          Taa'een boo'e imimmaan lolaase
          Gaddineerra teenyee biyya ormaa

Angafni faarsituu diobbee isaa fannisee
Fudhachuu hin danda'u harka isaa bal'isee
Waaqessuu hin danda'u waaqa Baabyiloon
Nan eeggadha malee obsee Waaqayyoon

         Buufannee yommuu teenye laga Baabyiloon
         Weedduu ishee yaadanne biyyattii Tsiyoon
         Kiraara koo qilxuutti rarraase
         Taa'een boo'e imimmaan lolaase
         Gaddineerra teenyee biyya ormaa

Dhaga'uu hin dandeenyu sagalee kiraaraa
Lubummaa hin argannu biyya ormaa jirraa
Nu deebisi maaloo yaa Abbvaa araaraa
Biyya keenya durii Tsiyoonin yaanneerraa

          Buufannee yommuu teenye laga Baabyiloon
          Weedduu ishee yaadanne biyyattii Tsiyoon
          Kiraara koo qilxuutti rarraase
         Taa'een boo'e imimmaan lolaase
         Gaddineerra teenyee biyya ormaa

Waaqessuu hin dandeenyu waaqa biyya ormaa
Yakka akka goone yaadanneerra amma
Yerusaalemitti maaloo nu deebisi
Sagalee faarsitu ati nu dhageessisi

          Buufannee yommuu teenye laga Baabyiloon
         Weedduu ishee yaadanne biyyattii Tsiyoon
         Kiraara koo qilxuutti rarraase
         Taa'een boo'e imimmaan lolaase
         Gaddineerra teenyee biyya ormaa

Teenyee gaddineerra biyya Baabyiloon
Yakkuu keenya beeknee nuyis WAAQAYYOOn
Raawwachuun barichaa waggaa torbaatamaa
Nu yaadadhu maaloo nu woo si eeggannaa

         Buufannee yommuu teenye laga Baabyiloon
         Weedduu ishee yaadanne biyyattii Tsiyoon
         Kiraara koo qilxuutti rarraase
         Taa'een boo'e imimmaan lolaase
         Gaddineerra teenyee biyya ormaa