Bu'i Gooftaa Dura Keenya

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Bu'i Gooftaa, Dura Keenya Bu'i
Bu'i YESUS Ati Nu Dura Bu'i
Nuyi Wallaalota Dadhaboota
Ati Nu Dura Bu'i YESUS Ya Gooftaa

Yeroo baanee faarfachuu fi dhaabannu
Yammuu kaanee lallabuuf achi baanu
Ayyaanni fi araarri kee nuu haa dursu
Ijollee kee dhaabee diina ha raasu

Bu'i Gooftaa, Dura Keenya Bu'i
Bu'i YESUS Ati Nu Dura Bu'i
Nuyi Wallaalota Dadhaboota
Ati Nu Dura Bu'i YESUS Ya Gooftaa

Siif hojjechuuf maasii kee qopheessuf
Siin labsuudhaaf bakka hundaa ga'uuf
Dheebuun lubbuu keenyaa isa kana
Ati yaa YESUS ba'i mo'icha arganna

Bu'i Gooftaa, Dura Keenya Bu'i
Bu'i YESUS Ati Nu Dura Bu'i
Nuyi Wallaalota Dadhaboota
Ati Nu Dura Bu'i YESUS Ya Gooftaa

Uumaan hunduu Gooftumma kee ha baru
Hunda dhisee si wajjin ha jiraatu
Maqaa kee tiin baane sanyii facaafanna
Karaa nu agarsiisi nuu si ordofnna

Bu'i Gooftaa, Dura Keenya Bu'i
Bu'i YESUS Ati Nu Dura Bu'i
Nuyi Wallaalota Dadhaboota
Ati Nu Dura Bu'i YESUS Ya Gooftaa

Ati nu dursi Goliyaadiin kufifna
Maqaa kee tiin galaanicha ceena
Mannaa kees nuu roobsi nyaannee quufna
Dhagaa gogaa keessaa bishaantu burqa

Bu'i Gooftaa, Dura Keenya Bu'i
Bu'i YESUS Ati Nu Dura Bu'i
Nuyi Wallaalota Dadhaboota
Ati Nu Dura Bu'i YESUS Ya Gooftaa