From WikiMezmur: Mezmur Lyrics
|
|
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች (Other Classic Mezmur Lyrics)
|
|
Boo'ichaa fi wawwaanna saba kee
Gooftaa ilaali
Maqaa keef jettee nu maari
Fagoofi dhihoo dhaa tokkummaan si waamna
Suma kadhannaa
Araara kee buusi biyya keenyaa
Boo'ichaa fi wawwaanna saba kee
Gooftaa ilaali
Maqaa keef jettee nu maari
Fagoofi dhihoo dhaa tokkummaan si waamna
Suma kadhannaa
Eebba kee lolaasi biyya keenyaa.
Baay'een baayy'isee dadhabaniiru
Imimmaan roobsanii sitti boo'u
Yeroo hundaa gara kee ilaalu
Cubbuu isaanii sitti himatu
Nu maari, nu maari siin jedhu.
Boo'ichaa fi wawwaanna saba kee
Gooftaa ilaali
Maqaa keef jettee nu maari
Fagoofi dhihoo dhaa tokkummaan si waamna
Suma kadhannaa
Eebba kee lolaasi biyya keenyaa.
Saani gadoodee waan dheedu dhabee
Jabbiin mar'attee waan hootu dhabdee
Margi gogee baalli harca'ee
Lagni gu'ee macci dheebotee
Kan abdii qabus abdii dhabe
Boo'ichaa fi wawwaanna saba kee
Gooftaa ilaali
Maqaa keef jettee nu maari
Fagoofi dhihoo dhaa tokkummaan si waamna
Suma kadhannaa
Eebba kee lalaasi biyya keenyaa.
|