Biyyi Lafaa Kun Ni Darba

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Biyyi lafaa kun ni darba
Badhaadhummaan isaas hundinu
Dubbiin WAAQA keenyaa hin darbu
Bara-baraan jiraata dha

Biyyi keenya isoo WAAQA irraa
Lafti abdii dhaala keenyaa
Asi hin qabnu lafa dhuunfaa
Keesummumaadhaan woo teenya

Godoon keenya inni lafa irraa
Jijjigee baduuf woo jira
Kan hin jigne mana qabna
WAAQA irraa kan bara-baraa

Gaddis yookkis yaaddoon illee
Gondumaa kan keessa hin jirre
Hamma bara-baraatii illee
Eenytu isa argata ree?

Dhugaa YESUSii jedhan
Sonaan kan dhipahtan malee
Kan dhangala'e dhiigni isaa
Hamma du'a fannootti illee

Gaafasis attam gammadu
Gaarii kan godhan hundinu
Du'aa jireenyatti ni darbu
Murtiin isaan hin argatu

Hamaa ta'us gaarii ta'us
Har'a malee yoomi ree iyyuu?
Adda-addaan yeroo otuu qabnuu
Kan itti of qopheessinu

Guyyaan murtii hin oollu ni dhufa
Kottaa ni damqnaa hin rafnu
Hunduu ni argataa gatii isaa
Gaafas firri illee nuyi hin oolchuu