Barri Ni Darba Yeroon Ni Geedarama

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

         Barri ni darba yeroon ni geedarama
         Kan hin darbine, kan hin geedaramne
         YESUS duwwaa dha.

Waan haaraa fakkaatee bareede mul'ate
Qalbii kee hundumaa si irraa kan fudhate
Hundumtu ni darba ni geeddarama
Kan hin darbine, kan hin geedaramne YESUS duwwaa dha

         Barri ni darba yeroon ni geedarama
         Kan hin darbine, kan hin geedaramne
         YESUS duwwaa dha.

Biyyi lafaa kunoo gowwummaan guutame
Kan darbu duukaa yaada isa buuse
Inni har'a bareedee kan sitti argame
Bori kan si balleessu akka sitti hin taane

         Barri ni darba yeroon ni geedarama
         Kan hin darbine, kan hin geedaramne
         YESUS duwwaa dha.

Miidhagina kee har'aa rimmi isa nyaata
Qabeenyaa kee ammaa bori immoo ni bada
Isa kamiif boonta hundu asitti hafa
Kan hin darbine, kan hin geedaramne YESUS duwwaa dha.

         Barri ni darba yeroon ni geedarama
         Kan hin darbine, kan hin geedaramne
         YESUS duwwaa dha.

Mootummaa adunyaa jennee kan fudhanne
Beektoota guguddaa jennee kan amanne
Kun hundumti isaani yeroodhaaf jiraatu
Waaqni nu amannu mootummaan isaa hin darbu

         Barri ni darba yeroon ni geedarama
         Kan hin darbine, kan hin geedaramne
         YESUS duwwaa dha.

Yaa saba Waaqayyoo takkaa dhaggeeffadhu
Jireenya kee darbuuf kan tattaafattu
Dargaggummaa keetti Gooftaa kee yaadadhu
Dhugaadhaa fi hafuuraan Gooftaa waaqqeffadhu.

         Barri ni darba yeroon ni geedarama
         Kan hin darbine, kan hin geedaramne
         YESUS duwwaa dha.