Balleessuun Koo Yaa Waaqayyo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Balleessuun koo yaa WAAQAYYO
Na galaafatee jira
Kan na oolchus hin jiru woo
Sumaa duwwaan abdadha

Eessa eessa yoon dhaqe illee
Hamma dhuma lafaatti
Homaa hin argadhu qooda koo
Gadda koo kan naa gaddu

Sittan baqadhaa na maari
Ana uumaa kee furi
Dheekkamsa kee achi fageessi
YESUS KRISTOOSiif jettee

Silaa hin ooluu adabamuun
Cubbuu irratti akka dhufu
Ammadhaanii booddee baasi
Gara keetti na fudhadhu

Yaa Goftaa abdii naa ta'i
Amantiitti na jabeessi
Bakkee badaa isaa na hin dhaabin
Guyyaa gammachuu fi gaddaatti