Ati Woo Waaqa Jabaa

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

     Ati woo Waaqa jabaa eenyutu siin morma?
     Jaalalli kee ya Waaq hunduu ni rawwatama
     Macci waaqaa fi lafaa siif abboomama
     Amma iyuu ati ulfaadhu
     Galani siif ta'a yerooma hundumaa (2x)

Kan siin olii hin jiru, eenyuun iyyuu hin sodaattu
Jaalala kee gochuuf booddeetti hin deebitu
Uumamni hundinuu sumaan geggeeffama
Waqni keenya si'i ya Waaqa hundumaa

     Ati woo Waaqa jabaa eenyutu siin morma?
     Jaalalli kee ya Waaq hunduu ni rawwatama
     Macci waaqaa fi lafaa siif abboomama
     Amma iyuu ati ulfaadhu
     Galani siif ta'a yerooma hundumaa (2x)

Mootummaan ni ka'a mootummaan ni kufa
Wanti haaraan har'aa bor immoo ni moofa'a
Ati garuu waaqa bara-baraan jirta
Teessoon kees jabaa dha ya Waaqa waaqota

     Ati woo Waaqa jabaa eenyutu siin morma?
     Jaalalli kee ya Waaq hunduu ni rawwatama
     Macci waaqaa fi lafaa siif abboomama
     Amma iyuu ati ulfaadhu
     Galani siif ta'a yerooma hundumaa (2x)

Barri kee hin darbu humni kees hin dhumu
Uumamamni kee hunduu Waaqummaa kee himu
Kaleessa, hara's, boris ati hin jijjiramtu
Bara-baraan jiraata ya Waaq si haa galatu

     Ati woo Waaqa jabaa eenyutu siin morma?
     Jaalalli kee ya Waaq hunduu ni rawwatama
     Macci waaqaa fi lafaa siif abboomama
     Amma iyuu ati ulfaadhu
     Galani siif ta'a yerooma hundumaa (2x)

Ergamootni waaqaa ililleen si faarsu
Gaarummaa kee himaa surraa kee mul'isu
Nus kunoo maatiin kee, si galateeffanna
Gochaa kee hundumaaf, hoqubaa siin jenna

     Ati woo Waaqa jabaa eenyutu siin morma?
     Jaalalli kee ya Waaq hunduu ni rawwatama
     Macci waaqaa fi lafaa siif abboomama
     Amma iyuu ati ulfaadhu
     Galani siif ta'a yerooma hundumaa (2x)