Anis Akka Namaa

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Anis akka namaa (3x)
ilaalee deemeera
Hojjedhee nyaadheera, ba'ee mul'adheera

Karaa bira turee kadhattuu jedhame
Ilmi WAAQAA dhufnaan banqifadhee waame
Laaga ol qabadhee ilma Daawwitr jedhee
Ani illee nan waame argadhe waan fedhe
Maqaa isaa waamee namatti edaa'ame

Anis akka namaa (3x)
ilaalee deemeera
Hojjedhee nyaadheera, ba'ee mul'adheera

Bishaan bira ciisee ani fira hin qabu
Yo bishaan soco'e ka ittin na qaqqabu
Firri kiyya dhufee YESUS na fayyise
Siree na baadhate anuma baachise
Inni humna qaba silaa maal dadhaba

Anis akka namaa (3x)
ilaalee deemeera
Hojjedhee nyaadheera, ba'ee mul'adheera

Waggaa kudha lama nama dheessaa ture
Wayyaa isaa qabnaan inni na fure
Anatti bareede dibadhee uffadhe
Qara nan dhokadha hara'a isaan mul'adhe
Kan namni na gate inni na argate

Anis akka namaa (3x)
ilaalee deemeera
Hojjedhee nyaadheera, ba'ee mul'adheera

An yakkituu ture ta fira dhokattu
Aduu gogaa keessa ta bishaan dhaqattu
YESUS na argee niitii nama shanii
Sii dhiiseera jedhe sitti hin yaadu sani
Isatti dhiyaadhee dhifama argadhe

Anis akka namaa (3x)
ilaalee deemeera
Hojjedhee nyaadheera, ba'ee mul'adheera