Ameen Kan Akka kee Hin Jiru

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

     Ameen, kan akka kee hin jiru
     Gara iyya namaa dafe kan dhaga'u
     Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
     Goftaa Yesus galatni siif ha ta'u (2x)

Hundumaa ni hubatta akka adda-addaa isaatti
Jaalalaan simatta wal otuu hin caalchisin
Iyyi rakkatootaa immoo gara kee yhommuu ga'u
Battaluumaan deebifta garaan kee waan ho'uuf

     Ameen, kan akka kee hin jiru
     Gara iyya namaa dafe kan dhaga'u
     Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
     Goftaa Yesus galatni siif ha ta'u (2x)

Diina isaatiin marfamee naasuudhaan muddame
Yoosaafaax garbichi kee yammuu inni si waame
Ati woo hin turre kaa Gooftaa dafttedhuma deebifte
Muddama isa guddaattii garbicha kee furte

     Ameen, kan akka kee hin jiru
     Gara iyya namaa dafe kan dhaga'u
     Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
     Goftaa Yesus galatni siif ha ta'u (2x)

Imimmaan dhangala'utti garaan kee hin jabaatu
Dhimma sitti himatame Goftaa hin irraanfattu
Kan yaada garaa isaas si duratti himate
Yeroo isaatti ni argata Gooftaa si eeggatee

     Ameen, kan akka kee hin jiru
     Gara iyya namaa dafe kan dhaga'u
     Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
     Goftaa Yesus galatni siif ha ta'u (2x)

Abdachiiftee hin gantu yeroo hin dabarsitu
Akeeka kee ni raawwatta ammoo hin irraanfattu
Hundumaa kan wal ga'u hin jiru kan akka kee
Ani dhuga-baatuu keeeti gara-laafummaa keef

     Ameen, kan akka kee hin jiru
     Gara iyya namaa dafe kan dhaga'u
     Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
     Goftaa Yesus galatni siif ha ta'u (2x)