Aarsaa Galataa

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Aarsaa galataa
Aarsaa gammachuu
Aarsaa qulqulluu
Aarsaa bareedaa
Waaqa koof nan dhiyeessa
Gooftaa koof nan dhiyessa

Iji Waaqa koo ti kunoo na ilaale
Rakkinaa fi gidiraan kunoo na irraa konkolaate
Boquun koo kunnoo har’a qajeele
Fayyisaa koo tiin nama haaraa ta’e

Aarsaa galataa . . .

Seenaan koo har’a kunoo jijjiirame
Maqaan haaraan naa ba’ee naa geeddarame
Uffata ayyaana isaa Gooftaan natti uwwisee
Ifinni Gooftaa koo ti na irraa calaqqisee

Aarsaa galataa . . .

Yeeroon isaa geenyaan na yaadatame
Guyyaan fayyinaa har’a naaf ta’e
Gooftaan Yesus ol-ol na qabe
Isaanan har’a namaan qixxaadhe

Aarsaa galataa . . .